Monday, March 26, 2012

Waamicha Ayyaana Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo

Waamicha Ayyaana Yaadannoo
Guyyaa Gootota Oromoo


Konyaan ABO Switzerland Ayyaana Yaadannoo Guyyaa Gootootaa Oromoo Sababeeffachuu dhaan Hawaasaa Oromoo biyya Switzerland jiraatan maraaf waamicha godha.

Guyyaan Gootota Oromoo baatii kana keessa bakka Konyaaleen Adda Bilisumma Oromoo jiran hundatti Adduunya maratti Kabajamuuf qophiileen wal duraa duubaan beeksifamaa jiru. Konyaan ABO Switzerland akkasumma haawaasa Oromoo, deggertootaa fi Miseesnsota ABO waliin ta'uu dhaan qophii yaaddannoo Guyyaa Goototaa kana irratti hojjechaa jira.

Kanaaf Ummatni Oromoo Switzerland qubattan hundi Ayyaana kana irratti argamuu dhaan Guyyaa Yaadannoo Jaallan kufani akka kabajjaniif Koreen Hoji Qindeessituu Konya Switzerland waamicha Lammummaa isniif dabara.

Guyaa: Ebla 15, 2012 (April 15, 2012)
Bakka: (Magaalaa Bern) Yeroo gabaabaa keessa ti isin beeksifna
Sa'aa: 11:00 kaasee hamma galgalaa ti

Injifannoo Ummata Oromoof!

KHQ Konyaa ABO Switzerland

1 Comments:

At 8:48 AM , Anonymous Anonymous said...

tramadol online buy generic tramadol online - tramadol withdrawal while pregnant

 

Post a Comment

Subscribe to Post Comments [Atom]

<< Home